Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Tolee Keessatti Ajjeefaman 338: Mootummaa


FAAYILII - Itti gaafatamtuu waajiira preesii kan mummicha ministeeraa Bileenee Siyyum
FAAYILII - Itti gaafatamtuu waajiira preesii kan mummicha ministeeraa Bileenee Siyyum

Godiina wallaggaa dhiyaa aanaa Gimbii keessatti haleellaa giddu kana gaggeeffameen hanga Roobii dheengaddaa galgalaatti bulchiinsa naannoo Ormiyaa irraa odeeffannoon argame lakkoobsii namoota ajjeefamanii 338 ta’u agarsiisa jechuun itti gaafatamtuun waajiira preesii kan mummicha ministeeraa Bileenee Siyyum kaleessa ibsanii jiru.

Namoota haleellaa Kanaan lubbuu ofii dhabaniif gadda itti dhaga’ame kan ibsan Bileeneen, mootummaaf waa’een nagaa fi neegeeny ajandaa duraa fi furtuu ta’e ta’u ibsan.

Hojiin nageenya eegsisuu uumamnii isaa hojii qunnamtii uummataa kan guyya guyyaaf kan hin ollee ta’u ibsuun, qormaanni jiraatuus dameen nageenyaa deggeramuu akka qabuu fi ergama isaanii bu’aa argamsiisaa akka jiru amanamuu qaba jedhan.

Gama kaaniin walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessaa furuuf hoggantummaa gamtaa Afrikaanmarii nageenyaa gaggeeffamuuf Itiyoophiyaan murannoo qabdi jedhnii TPLF marii gama mootummaa Keniyaan gaggeffamuu irratti jila isaa erguu kan gaafataman Bileeneen, Prezidaantiin keniyaa yaalii karaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamu ni deggeru jechu isaanii Iskindir Freew Finfinnee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG