Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Itiyoophiyaa Kaabaa Mariin Furuu Yaada Jedhu ni Deggerra:Geetaachoo Raddaa 


FAAYILII - Dubbii himaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Geetachoo Raddaa
FAAYILII - Dubbii himaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Geetachoo Raddaa

Paartiin Badhaadhinaa rakkoo Itiyoophiyaa kaabaa keessaa mariin fufuuf murteessuu isaa, qalbii gaariin kan ilaalan ta’u dubbii himaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Geetachoo Raddaa ibsanii jiru.

Torban dabree walgahii kan gaggeessee koreen gidduu galaa fi koree hojii raawwachiiftuun paartii Badhaadhinaa dhimmi kana irratti irra deeddeebi’uun walgahii gaggeessuu isaanii torban dabree kan ibsan ministeera haqaa kan ta’an Dr. Geediyoon Ximootowoos, koreen kanaaf hundeeffamees yaada dhiyeesseen rakkoo Itiyoophiyaa kaabaa furuuf mariin gaggeeffamu gamtaan Afrikaa mijeessuun akka ta’u ibsanii jiru.

Mariin karaa nagaa gaggeeffamu Itiyoophiyaaf akkaan barbaachisaa ta’u paartiin keenya murteessee jira jedhan.

Yaaliin karaa nagaa hin milkaa’uu taanaan, tuttuqqaa jiru faccisuuf tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf murtii irra ga’eera jechuun Dr Geediwoon ibsanii gama Kanaan raayyaan ittisaa fi dhaabattonni nageenyaa yaalii jalqaban jabeessanii akka itti fufaniif murtiin dabarfamuu ibsan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG