Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Itiyoophiyaa gocha Gara Jabummaa fi Hamaaf Saaxilaman: Komiishiina Mirga Namoomaa Itoophiyaa


FAAYILII - Dhalattoota Amaaraa bakka adda addaa irraa yeroo humnoonni Tigraay zoonii gondar to'atanii turan buqahan fi mana barumsaa keessa dahoo turn, Hagayya 25, 2021
FAAYILII - Dhalattoota Amaaraa bakka adda addaa irraa yeroo humnoonni Tigraay zoonii gondar to'atanii turan buqahan fi mana barumsaa keessa dahoo turn, Hagayya 25, 2021

Humnoota mootummaa fi gareewwan finciltootaa jeequmsaa walitti bu'iinsa guutuu biyyattii keessatti socho'aniin Lammiwwan Ityoophiyaa gocha ''garmalee fi gara jabummaa hamaa'' akka irra gahe komishinni mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa Jimaata darbee ibsee jira.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Ityoophiyaa akka jedhetti, gabaasni isaa yeroo dhiyootti dhiheesseen, ji’oota 12 jechuun hanga ji’a waxabajji jiran keessatti, Afrikaa keessatti baay’ina ummataan sadarkaa lammaffaa irra ka jirtu Itiyoophiyaa keessatti ajjeechaa, hokkara gosaa, humnaan gudeeddii bal’aan gaggeeffamu galmeessee jira.

Dhiittaan mirga namoomaa hamaan mootummaanis ta’e kanneen biroon gaggeeffamu gara jabiina hamaan akka ture itti gaafatamaan komishinichaa Dr Daani’eel Baqqalee hubachisanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG