Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaa Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Hawaasa Oromoo Irratti Walitti-bu’insi Uumamee Lubbuu Galaafachuun Himame  


Godinaa bulchiinsa Shawwa Kaabaati daangaa bulchiinsaa Amaraa fi Oromiyaa irrati Walti bu’iinsa Dilbata darbe taasifameen namoonii lakoofsin isaanii addan bahee hin beekamen du’uun isaanii ibsamee jira.

Daangaa bulchiinsaa aanaa Jiillee Dhumuugaa isa bulchiisaa godina Oromiyaa jala jiru fi aanaa Efiraataa Gidim isa bulchiinsaa Shawaa kaabaa jala jiruu irratti dhukaasinii qawwee taasifamaa akka ture jiraattonni VOA ti himuu isaanii Masfin Argaaee Dassee irraa gabaaseeraa.

Yeroo amma umnii naga eegdotaa mootummaa bakka wal lolinsichaatti kan bobba’an yemuu ta’u, sabbaba walitii bu’iinsa Dilbata darbe raawwate kanaan kan ka’ee isaanii irraa buqa’an namoonii kumaan lakkawaman garra magaalaa Axaayeetti seenaa akka jiran namoonii ijaan argan himuu isaanii Masfin Arragee gabaaseeraa. Kanaan duran bakka kana irratii waltti bu’iinss akka turee gabaasuun keenyaa kan yaadatamuudhaa. Walitii bu’iinsi gidduu kanaa sababa maaliitin akka ta’e addan bahee hin beekamne.

Dhimma kana irratti kan ibsa kenne paartiin mormitootaa EZAMAn, mootummaan akka nageenyaa lameelee biyyatiif eegumsaa taasisuu, akkasumas sababa walti bu’iinsichaa addan baasee akka furmaataa kennuuf gaafate jira jedahmeera.

XS
SM
MD
LG