Bulchiisa naannoo Amaaraa keessa kanneen jiranii fi godinaalee Shawaa Kaabaa fi bulchiinsa hawaasa Oromoo kanneen wal-daangessisan aanlee Efraataa Gidimii fi Jiillee Dhummuugaa keessatti walti bu’iinsaa umameen lubban namootaa darbee, qabeenyaa irras badinsi gahuun himamee jira. Sababaa walti-bu’iinsichaa ilaalchisee wantii aanga’onni jedhan fi jiraattonni jedhan hangana wal hin simatu.
Walitti-bu’insa kanaan, qonnaan bultoonni fi miseensonni nagaa-eegdotaa heduun du’un isaanii, namoottan kumaan lakkaawamanii qe’ee gad lakkisanii baqachuun kan himame yoo tahu, har’a garuu, haalli jiru tasgabbaa’eera, jedhama. Gabaasaa guutuu caqasaa.