Paartiin Izeemaa nageenyi itti fufiinsa qabu biyyattii keessatti akka jiraatu taasisuuf marii biyyaalessaa qaamota hunda hirmaachise geggeessuu barbaachisa, jedha. Keessumaayyuu rakkoo nageenyaa yeroo ammaa gama lixa biyyattii jiru furuuf mootummaan ol’aantummaa seeraa kabachiisee gara marii nageenyaatti seenuu qaba jechuun ibsee jira.
Paartiin Sosochii Biyyoolessa Amahaaraa, ABIN dhimma marii biyyooleessaa kana irratti gaafatamee yaada kennuu irraa of qusate. Paartin mootummaa fi gareen hidhattootaa “Waraana Bilisummaa Oromoo” ofiin jedhus gama isaaniin yaada kennan qaban. Caqasaa.