Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaadannoon Waggaa 45ffaa Abbubakar Muusaa Ayyaaneffamaa Jira 


Yaadannoon Waggaa 45ffaa Abbubakar Muusaa Ayyaaneffamaa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:45 0:00

Yaadannoon Waggaa 45ffaa Abbubakar Muusaa Ayyaaneffamaa Jira

Qophiin yaadannoo guyyaa ajjeefamuu gaazzexeessaa fi walaleessaa Abubakar Muusaa Boruu magaalaa Hararitti akka gaggeeffamuuf jiru qindeessitoonni qophii kanaa VOA’f himanii jiran. Gaazexeessaa Zemedkuun Misgaanaaw qindeessitoota qophii kanaa keessaa tokko yoo tahu Abubakar Musaa seenaa muuziqaa Oromoo keessatti walaloo sirbaa qopheessuun angafa.

Qophii yaadannoo kana bakka inni ganna 45 dura itti ajjeefame magaalaa Hararitti sagantaalee adda addaan geggeessina, jedha. Obbo Mahaammed Qophee, miseensi paarlaamaa fi buleessi, ogeessi Artii Oromoo Abubakar Muusaa nama dandeettii guutuu bakka takkatti qabuudha jechuun himanii, bu’ura sirboota ammayyaa Oromoof nama bu’ura guddaa kaayee darbe, jedhanii jiru.

Forum

XS
SM
MD
LG