Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amnestii Internaashinaal Fixiinsi Oromiyaa Keessatti Raawwate Akka Qoratamu Gaafate


Amnestii Internaashinaal kanneen ijaan argan maqaa dhaquu dhaan kamisa har’aa ibsa baaseen fixiinsa naannoo Oromiyaa keessatti dhalattoota sivilota Amaaraa 400 ta’an irratti baatii darbe raawwatame akka qoratamu gaafate. Kanneen ijaan argine jedhan kun ajjeechaa kana garee hidhatee naannoo sana keessaa himatan.

Waraanni bilisummaa Oromoo immoo himannaa sana haaluu dhaan, milishoota hidhata mootummaa qabantu fixiinsa Waxabajjii 18 dhiya Oromiyaa keessasatti raawwateef itti gaafatamoo dha jedhee jira.

Haleellaan sun ganama sa’a sadii irratti kan eegale, ennaa namoonni hidhatan kanneen miseensota WABO ta’an ganda Tolee jedhamu marsanitti jechuu dhaan namoonni ijaan argine jedhanii fi gareen mirga namaa kun haasofsiise dubbataniiru.

Jjiraattonni gandeen sanaa battala dhukaasi duraa ennaa dhaga’amu angawawoota naannoo beeksisanis, humnoonni mootummaa gamas kan dhaqqaban haleellaan sun dhumatee sa’aatiilee hedduu booda.

Dubbi himtuun Muummichia Ministraa Abiy Ahimad Billene Siyyum baatii darbe akka jedhanitti hanga ammaatti namoonni ajjeefaman 338 adda baafamanii turan.

Angawoonni Itiyoophiyaa fixiinsa dhalattoota Amaaraa irratti raawwatame jedhameef waraana bilisummaa Oromoo himatu jechuu dhaan Amnestiin gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG