Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanni Misoomaa  Yunaayitid Isteetis Itiyoophiyaaf Gargaarsa Arjoomuu Beeksise  


FAAYILII - Daayreektari Dhaabbata misoomaa Addunyaa Yunaayitid Isteets / USAID, Shaan Joons talaallii Itoophiyaf kenname yeroo agarsiisan, Amajjii 24, 2022. (Suuraa Imbaasii Ameerikaa itoophiyaa jiru irraa argame)
FAAYILII - Daayreektari Dhaabbata misoomaa Addunyaa Yunaayitid Isteets / USAID, Shaan Joons talaallii Itoophiyaf kenname yeroo agarsiisan, Amajjii 24, 2022. (Suuraa Imbaasii Ameerikaa itoophiyaa jiru irraa argame)

Dhaabbani misoomaa Addunyaa Yunaayitid Isteets / USAIDn gargaarsaa namoomaa barbaachisaa ta’eef kan oolu doolaaraa Miiliyoonii Dhibba Afuri fi miiliyoonii 88 Itiyoophiyaadhaaf laachii isaa Ibsii embaasii Yunaayitid Isteets Finfinnee jiru irraa bahe beeksiseeraa.

Qarshiin gargaarsaa kun jiraattota biyyatti Miiliyoonii 4.8 wareen gargaarsa namoomaa atattamaan barbaadaaniif kan ooluu akka ta’ae kan beeksisee ibsii Embaasichaa, gargaarsaa kana keessaa wareen naannoo isaaniitii bakka waa bitatan hin qabneef Garbuu, Zayitii nyaataa fi kanneen biroo bitanii dhiheesuudhaaf wareen kaan immoo akka gabaa naannoo isaanii irraa bittaan qarshii harkatti keenuudhaan sochii diinagdee jajjabeesuudhaaf kan oolu ta’uu isaa hubachiiseeraa.

Akkasumas, dahimmaan nyaata madalawaa dhabuudhaan midhan irra gaha jiruu miiliyoonii 1.6 ta’aniif mannootan wal’ansaa gara garaa keessaa jiranif kan ooluudhaa jedhameera.

Balaa hongee biyyatti muudateen kan ka’ee beeladoonii Miiliyoonii Lamaa fi walakkaa ta’an du’uu isaanii kan mirkaneesee ibsii kun, gargaarsaa haara amma kennamee kana keessaa ammii tokkoo beelladootaa lubbuudhaan jiraan baraaruudhaaf akka oolu, qonnaan bultootaa immoo meeshaa qotiinsaatiin,sanyii midhaniitin, akkataa omishaa hongee danadamachuu danda’uu omishan irratti baruumsaa kennuudhaaf kan oolu akka ta’e beekameeraa.

Gargaarsii kun, jiraattonni biyyatti wareen bishaan dhugaatii qulqulluu hin argannee fi bakkewwan hongeedhaan midhamman keessa jiran akka bishaan dhugaatii qulqulina qabuu argatan kan taasisuu yemmuu ta’u, dubartootaa fi ijoollewan durbaa hookkora saala irratti hundaa’e irraa eeguudhaaf sochii taasifamu degeruudhaaf akka ta’e ibsii embassy Yunaayitid Isteets kun beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG