Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummanni Kurna Kumaan Laka’amu Kan Burjii Keessaa Afaan Beelaa Jiraachuun Gabaasame


FAAYILII - Dullattii hanqina nyaatatin huqqatte, Galchaa, Oromiyaa, Ebla 28, 2016
FAAYILII - Dullattii hanqina nyaatatin huqqatte, Galchaa, Oromiyaa, Ebla 28, 2016

Godina Kibba Itiyoophiyaa aanaalee Addaa Amaaroo fi Burjii keessatti namoonni kurna kumaan lakkaa'aman qarqara afaan beelaa irra jiraachuu angawoonni naannoo mirkaneessaniiru.

Hogganaan Waajjira Qonnaa Burjii obbo Ashebir Otte VOAf akka himanitti, hongeen yeroo ammaa rakkoo nageenyaa naannichaa waliin walqabatee lubbuu namoota kumaatamaa balaadhaaf saaxilee jira.

Yoo gargaarsa hatattamaan arganne malee, beelaafi du'I mudachuu mala," jechuun akeekkachiisaniiru Ashebir. yeroo roobaa xixiqqoo lamaan darban, jechuun baatii Guraandhalaa hanga Eblaatti fi roobi yeroo makaraa Waxabajjii hanga Fulabaanaatti jiru, yeroo qonnaan bultoonni yeroo oomisha hedduu sassaaban fashalaa'uu isaa fi midhaanni kuntaala metric toonii 400k yeroo arfaasaa eegamaa ture barbadaa'uu jiraattonni himaniiru.

Jalqaba torbee kanaa Ameerikaan deeggarsa namoomaa murteessaa ta’e dabalataan doolaara miiliyoona 488 gogiinsa Ityoophiyaa mudateef deebii kennuuf jecha gumaachiteetti. Ityoophiyaatti daayreektarri ergamaa USAID Sean Jones akka jedhanitti lammiileen Ityoophiyaa miiliyoona 7.4 gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaadu. Gogiinsi amma biyyattii keessatti mudachaa jiru ''waggoota 120 oliif gogiinsa hamaa Itoophiyaa keessatti mudate'' jechuun ibsaniiru jedha Yonataan Zebidiwoos gabaasa ergeen.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG