Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qonnaan-bultoonni Godinaalee Oromiyaa Hidhattoonni Keessa Socho’anii Sababaa Rakkoo Nageenyaaf Hojiin Qonnaa Jalaa Danqamuu Himatan   


Bulchiinsa naannoo Oromiyaa, godinaalee hidhattoonni mootummaan “Shanee” jedhee waamuu ka Waraana Bilisummaa Oromoo keessa socho’an keessa rakkoo nageenyaa jiru irraa kan ka’e qonnaan-bultoonni akka qotataa hin jirre dubbatu. Godinaalee Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu fi Shawaa Kaabaa keessaa qonnaan-bultoonni Sagaleen Ameerikaa dubbise, “rakkoo nageenyaa irraa kan ka’e xaa’oo ittiin oomisha guddisanii fi sanyii filatamaallee argataa hin jirru. Waqtiin qonnaa nu jalaa darbaa jira,” jedhu.

Bulchiisa naannoo Oromiyaatti Itti-gaafatamaan Biiroo Koomiyunikeeshinii, Obbo Hayiluu Addunyaaa, “bakkoota hidhattoonni shanee socho’an keessatti galteewwan qonnaa ni saamamu, ni gubatu,” jechuun balaaleffatan. Dubbi-himaan idil-addunyaa garee hidhattootaa – Waraana Bilisummaa Oromoo immoo, himannaa gama mootummaatii irratti dhihaatu kana akka hin fudhanne ibsuun deebii kennanii jiru.

Qonnaan-bultoonni Godinaalee Oromiyaa Hidhattoonni Keessa Socho’anii Sababaa Rakkoo Nageenyaaf Hojiin Qonnaa Jalaa Danqamuu Himatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:52 0:00

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG