Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Yeroo Sadaffaaf Hidha Laga Abbayaa Guutuuf Karoorsuu Masriin Mormitee Jirti


FAAYILII - Hidha laga Abbayyaa, Itoophiyaa
FAAYILII - Hidha laga Abbayyaa, Itoophiyaa

Ityoophiyaan hidha laga Abbayyaa falmisiisaa ta’e waggaa sadaffaaf biyyoota yaa’aa lagichaa gadii jiran waliin utuu walii hin galin bishaan itti guutuuf kan karoorfatte mormuun Masriin Jimaata darbe gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaaf mormii dhageessiftee jirti.

Yeroo lolaan bishaanii jiru yeroo ammaa kanatti Ityoophiyaan kuusaa Hidha Abbayyaa guutuu akka itti fuftu kan ibsu ergaa gama Itiyoophiyaa irraa Adoolessa 26 argatteetti,'' jechuun ibsi ministeera haajaa alaa beeksisee jira.

Deebii kanaaf Masriin gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaaf xalayaa barreessiteen ''Itoophiyaan waliigaltee malee gam tokkoon Hidha kana guutuu itti fufuun mormii ishee ta’uu isaa fi guutummaatti diduu ishee ibsiteetti.

Ministeerichi Masriin "mirga seera qabeessa nageenya biyyaa ishee mirkaneessuu fi eeguuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo hunda fudhachuuf qabdu, balaa tarkaanfiin Itoophiyaan gama tokkoon fudhattu gara fuulduraatti fiduu danda'u kamiyyuu" akka of irraa qolattu cimsee ibseera.

Gaanfa Afrikaatti jilli addaa Yunaayitid Isteetis Maayik Haamer Jimaata darbe Itiyoophiyaa kan turan yoo ta’u, mariin isaanii wal dhabdee hidhicharratti ka’u ni dabalata jedhamee eegamaa ture. Jilli addaa kun duruu wixata har’aa Masrii waliin marii geggeessan.

To’annaa Gamtaa Afrikaa jalatti karaa dippilomaasii gara fuulduraatti tarkaanfatamee walii galtee irra akka ga’amuuf waliigaltee fedhii yeroo dheeraa lammii qarqara laga Abbayyaa jiran hundaaf barbaachisu deeggaru irratti dammaqinaan bobba'aa jirra,'' jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG