Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Hojjatootaa Miidiyaa 63 Hidhuu CPJ’n Gabaase  


Erga wal waransii mootumma feederaalaa Itiyoophiya fi ABUT giduutii jalqabee Sadasa 2020 as mootummaan Itiyoophiyaa hojjatootaa miidiyaa 63 hidhuu isaa ibsa Dhaabbanii mirgaa Gaazexessotaatif falmuu CPJn wixata kaleessa baase waabeffachuudhaan madii oduu Ajaan Feraans gabaasee jira.

Itiophiyaan Ji’a Muddee darbe keessaa hojjattoota Miidiyaa 16 hidhuudhaan biyyootan Afrikaa saraa gadi jiran keessa Ertiraadhaan walqixa ta’uu ishee kan ibse gabbasii CPJ, amma hagayaa 1 bara 2022 ti gaazexessonni Saddeet akka mana hidhaa keessa jiran beeksiseera.

Aduunyaa irratti biyyootan mirgaa preesii kabajan keessaa wagga darbee sadarkaa 101 irraa kan turtee Itiyoophiyaan yeroo amma biyyoottan 180 keessaa 114faa irraa akka jirtu ibsameeraa.

Biyyoottan Afrikaa Sahaaraa gad jiranutti Itti gaafatamtuu CPJ kan ta’an Mutihookii Muumaa mootummaan Itiyoophiyaa gaazexessaa Tamasgeen Dasaleeny mana hidhaatii akka gad lakisuu gaffachuu isaanii kan ibse gabaasin kun , mootummaan naannoo Tigraayii gaazexsessootaa Mootummaa Abiy Ahimad degertuu jechaadhaan hidhe Shan akka gad lakkisuu gaafachuu isaa AFPn ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG