Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Shaakala Waraanaa Guyyoota Afruiif Bishaan Naannoo Taayiwaanitti Akka Geggeessitu Labsit


Xiyyaarri waraanaa Humna Bilisa Baasaa Chaayinaa ta'e Taayiwaanitti dhihoo bakka ta'e yeroo balali'u, Hagauua 5, 2022
Xiyyaarri waraanaa Humna Bilisa Baasaa Chaayinaa ta'e Taayiwaanitti dhihoo bakka ta'e yeroo balali'u, Hagauua 5, 2022

Chaayinaan Jimaata har’aa ganama xiyyaarota waraanaa fi dooniiwwan hedduu sarara gidduu galeessa qarqara galaanaa Taayiwaan keessatti ergite jedhan angawoonni ittisa Taayiwaan, Beejiing daawwannaa Af-yaa’ii mana maree Yunaayitid Isteetis Naansii Peeloosii Taayiwaanitti geggeessaniif deebii kennuu dhaan shaakala waraanaa guyyoota hedduu dhaaf taasiftu itti fufteetti.

Waraanni Taayiwaan ibsa baaseen akka jedhetti xiyyaaronni sakatta’iinsaa fi dooniiwwan humna galaanaa ishee sochii Chaayinaa hordofaa akka jiran ibseera, kunis “tuttuqqaa guddaa” jedheera. Xiyyaaronnii fi dooniiwwan Chaayinaa sarara giddu galeessaa, daangaa galaanaa qaxxaamuruun isaanii guyyaa lammaffaaf walitti aansuun ta’uun ibsameera. Chaayinaan naannoolee Taayiwaan marsanii jiran 6 keessatti shaakala waraanaa guyyoota afuriif labsiteetti.

Shaakala kanaan sodaa shallaggii dogoggoraa uumaa jira, haa ta’u malee, hanga ammaatti, angawoonni Taayiwaan fi Yunaayitid Isteetis haala kana hammeessuuf fedhii akka hin qabne dubbatan. Kamisa darbe Chaayinaan yoo xiqqaate misaa’ela 11 naannoo qarqara galaanaa Taayiwaan jirutti dhukaaftee jirti. Misaa’eloonni sana keessaa yoo xiqqaate afur Taayiwaan irra balali’aniiru jedha angawoonni ittisaa Jaappaan, xiinxaltoonni ittisaa hedduun dubbii tuqachuu kanaan dura hin argamne jechuun ibsaniiru.

Misaa’eloota keessaa shan godinaa addaa dinagdee Jaappaan irra kan bu’an yoo ta’u, kunis Tookiyoon balaaleffannaa cimaa akka gootu taasiseera.

“kan jilli kongiresii isaanii daawwannaa Eeshiyaa dhumaaf Tookiyootti gora Peloosii waliin erga wal arganii booda muummichi ministeeraa Jaappaan Fumiyoo Kishiedaa jimaata har’aa ibsa kennaniin, “amalli Chaayinaa kun nagaa fi tasgabbii naannichaa fi akkasumas addunyaa irratti dhiibbaa hamaa qaba,” jedhan.

Chaayinaan, daawwannaa Peeloosii, odola dimokiraatawaa gara ummata miliyoona 24 qabdu Taayiwaan waliin tumsa qabaachuu ishee ibsuuf yaadame geggeessame irratti aartee jirti.

Taayiwaaniin gonkumaa to’achuu baatus, Paartiin Koominiistii Chaayinaa odola kana bulchiinsa Chaayinaa ta’uu cimsee dubbateera, yoo barbaachisaa ta’e humnaan akka fudhatu illee dhaadateera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG