Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Keellaan Nukleraa Yukireen Qorattootaaf Banaa Akka Ta’u Gaafatan


Faayilii: Muummicha Barreessaa Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteres
Faayilii: Muummicha Barreessaa Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteres

Yukireen fi Raashiyaan dhiheenya kana warshaa niwukilaraa irratti dhukaasa banuun walii walii isaanii erga himatanii booda, barreessaan olaanaa Tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteereez inspeektaroonni sadarkaa addunyaa warshaa niwukilaraa Zaapoorizhiyaa akka daawwatan gaafataniiru.

Haleellaan warshaa niwukilaraa irratti raawwatamu kamiyyuu ''of ajjeesuudha,'' jechuun Guterres ibsa gaazexeessitootaaf Jaappaan keessatti kennaniin dubbataniiru.

Yukireen ammas Dilbata darbe Raashiyaan buufata humna niwukilaraa guddicha Awurooppaa, Warshaa Niwukilaraa Zaporizhzhia irratti boombii darbatte jechuun himattee, Moskoon ''shororkeessummaa niwukilaraa'' irratti bobba'aa jira jette.

Dhaabbanni humna niwukilaraa mootummaa Yukireen akka jedhetti humnoonni Raashiyaa haleellaa Dilbata halkan raawwataniin, dhaabbaticha keessatti seensaroota raadiyaashinii sadii miidhuu dhaan hojjetaa tokko ammoo madeessaniiru.

''Shororkeessummaan niwukilaraa Raashiyaa hawaasa addunyaa irraa deebii cimaa qoqqobbii indaastirii niwukilaraa Raashiyaa fi boba'aa niwukilaraa irra kaa'uum barbaada'' jechuu dhaan pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy tiwiitara isaanii irratti barreessaniiru.

Warshaan kun kan naannoo Raashiyaan to’attu keessatti argamu, Jimaata darbes haleellaan irra ga’eera. Moskoo haleellaa kanaaf humnoota Yukireen komatteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG