Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jarmayaan QEDAG Jedhamu Dargaggoota Milkaa'ina Argatan Lama Badhaase


Jarmayaan QEDAG Jedhamu Ijoollee lama Milkaa'ina Argataniif Badhaasee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:21 0:00

Jarmayaan QEDAG Jedhamu Ijoollee lama Milkaa'ina Argataniif Badhaasee Jira

Xumura torban dabarsinee kana jarmayaan as US keessa maadheffateef kan bu’aaf hin hojjenne kan QKEDAG JEDHAMU dargaggoota lama barsiisaa Amaanu’eel Baalchaa fi Dargaggoo Raajii Maammadee dhiyeenya kana sadarkaa biyyaatti milkaa’ina isaan argatanii fi gama adda addaan beekkannaa argatan ilaalchisee badhaasa kenneefii jira. Yuniversitii Dambi Dollootti barsiisaa kan ta’e barsiisaa Amaanu’el diroonii xiqqoo hojjechuu dhaan mana barnootaa darbees sadarkaa biyyoolessaatti, dargaggoo Raajiin immoo yuniversitii dhaa ennaa eebbifamu A60 fiduu dhaan innis sadarkaa biyyoolessaatti beekkannaa argachuun isaanii ni yaadatama.

Dhaabbanni dhalattootaa fi jaal’attoota Qellemiin kan hundeeffame jaarmayaan QEDAG jedhamu ijoollee kana hamilee cimsuuf jecha mata mataatti qarshii kuma dhibba tokkoo fi shantama bdhaasee jira.

Itti gaafatamaa QEDAG kan damee biyyaa obbo Tolosaa Daaqaa ijoollee kana hamilee jajjabeessuuf badhaasi kennamuufii isaa galateeffatanii kanneen biroonis akkasumaa fakkeenya kana hordofuu dhaan naannoo isaanii akka gargaaran waamicha dabarsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG