Xurree ittiin seenan

Breaking News

WBOn Akka Gargaarsi Namoomaa Oromiyaa Keessatti Deemsisamu Haala Miijessuuf Waliigalteen Dhukaasa Dhaabinsaa Akka Tolfamu Gaafate   


FAAYILII: ALAABAA ABO
FAAYILII: ALAABAA ABO

Waraanaa Bilisummaa Oromoo, gareen mootummaa “Shanee” jechuun haala gargaarsa namoomaa Oromiyaa keessatti mijeesuudhaaf yaada dhukaasaa dhaabuu dhiheesuu isaa Asooshiiyetid Prees gabaasee jiraa.

Ibsa dhaabichii Roobii kaleesaa baasee irratti dubbihimaan WBO Odaa Taribii akka jedhaniitti namoottan balaa beelaatin daraamaa jiraniif gargarisii dhaabilee namoomaa irraa taasifamaa jiruu akka namottan gargaarsichii barbaachisuuf gahu gochuudhaaf dhaabnii isaanii dhukaasaa dhaabee akka karaa bunudhaaf fedhii qabaa.

Ibsaa dubbi himaan WBO keenaan kanaaf mootuummaa Itiyoophiyaa irraa deebiin kennamee akka hin jiree AP gabaasee jiraa. Mootummaan feederaalaa Itiyoophiyaa fi mootummaan naannoo Oromiyaa dhiheenyaa ibsaa keenaa turaniin garee isaan shanee jedhanii waaman irratti tarkaanfii umnaa fudhachaa jiraachuu isaanii akka isan ni yaadatama.

Dhaabbanii mootummootaa gamtoomanii dhiheenyaa kan ibsa baaseen Itiyoophiyaa keessatti namoonni Miiliyoonii 20 ta’an gargaarsaa namoomaa akka barbaadan ibsee, kanneen keessaa harki Sadii ol kan ta’an dubartoota fi Ijoollewwaan ta’uu isaanii beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG