Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABOn Magaalaa Finfinnee fi Godinaa Addaa Oromiyaa Gidduutti Daangaan Bulchiisaa Akka Buusamu Ka Beeksisame Haqa-qabeessa Miti, Jedha


ABOn Magaalaa Finfinnee fi Godinaa Addaa Oromiyaa Gidduutti Daangaan Bulchiisaa Akka Buusamu Ka Beeksisame Haqa-qabeessa Miti, Jedha
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:19 0:00

ABOn Magaalaa Finfinnee fi Godinaa Addaa Oromiyaa Gidduutti Daangaan Bulchiisaa Akka Buusamu Ka Beeksisame Haqa-qabeessa Miti, Jedha

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa tibbana baaseen daangaan bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi magaalota godinaa addaa Oromiyaa gidduutti akka sararamu ka dhiheenya beeksisame kan haqa-qabeessa hin ta’iinii fi fudhatama hin qabne, jechuun mormee jira. Sararri daangaa bulchiinsaa sun, kanneen dhimmi isaa kallattiin ilaallatu uummata Oromoo fi mootummaa naannoo Oromiyaa otuu hin hirmaachisiin kan raaw’atame, jedha – ibsi ABO kun.

Daangaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi magaalota godinaa addaa Oromiyaa naannawwaa Finfinnee gidduutti akka daangessamu kantibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee tibba kara fuula facebook isaanii ibsanii turan.

Gama biraatiin, aangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi magaalota godinaa addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee daangeesuf hojiin hojjetame hojii Paartiin Badhaadhinaa hanga ammaatti hojjete keessa isaa ijoo dha, jechuun mummeen ministeera Itoophiyaa Abiy Ahimad dhiheenyuma dubbatanii tura.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG