Akka naannoo Oromiyaatti ji'a Amajjii bara 2014 irraa eegale lakkoofsi namoota dhibee Busaan qabamanii dhibbbeentaa 20 dabale jechuun biiroon fayyaa Oromiyaa ibseera.
Itti aannaan hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Abarraa Botoree Guddisaa Sagalee Ameerikaaf akka himanitti godinaalee Oromiyaa 13, magaalota 4 fi aanota 65 keessatti tamsa’inni dhibee busaa dabalaa jira jechuun ibsan.
Magaalota tamsa'inni dhibee Busaa keessatti baay'ateera jedhaman keessaa jiraattonni sagaleen Ameerikaa dubbise namoonni busaan qabaman lakkoofsaan ka duraanii irra dabalaa jiarachuu himan. Tshaay Daamxoo Finfinnee irraa gabaasaa qabdi.
Forum