Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Namoomaa Itiyoophiyaa Keessaa Sodaachisaa Ta’ee Itti Fufeera: Tokkummaa Mootummootaa


Dubbi Himaa Tokkummaa Mootummootaa, Steefen Dujariik
Dubbi Himaa Tokkummaa Mootummootaa, Steefen Dujariik

Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Steefen Dujariik ibsa guyyuu tuuta oduuf kennaniin, waahiloonni keenya haalli namoomaa kaaba Itiyoophiyaa keessa jiru sodaachisaa ta’ee itti fufee akka jiru nutti himaa jiru jedhan.

“Akka seera sadarkaa addunyaatti gareeleen martinuu gargaarsa namoomaa fi hojjettoota gargaarsaa gara kaaba Itiyoophiyaa mara akka dhaqqabaniif danqaa malee haala akka mijeessan gaafanna jedhan.

Naannoo Amaaraa Dabaarq Dasee fi Waldiyaa keessaa galgala sa’a tokkoo qabee hanga ganama sa’a 12tti uggurri sa’aa kaa’ameera, kun immoo sochii sivilotaa, tajaajila wal’aansa fayaa hatattamaa fi dhugumatti tajaajila dalalaa irra dhibbaa kaa’aa jira jedhan.

Baatii Hagaya darbee qabee dhiyeessiin gargaarsa namoomaa gara Tigraay dhaqu adda citeera, haaluma wal fakkaatuun tajaajilli qilleensa irraa kan tokkummaa mootummootaa Hagaya 25 qabee Tigraayiin seenuus ta’e ba’uu waan hin dandeenyeef maallaqa hojiif barbaachisuu fi hojjettoota gargaarsaa deddeebisuun hin danda’amne jedhan.

Nuti michoota keenya jaarmolii gargaarsaa kan mootummaa hin taane waliin ta’uu dhaan kanneen miidhamaniif naannoo eeyamamaa ta’e keessa jiraniif deggersa namoomaa gochuu itti fufna. Tigraay keessa kanneen jiran dhiyeessii midhaanii fi ka biroo barbaachisaa ta’e raabsuu itti fufaniiru jechuu dhaan dubbi himaa Stefen Dujaarik ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG