Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootittiin Biyyaa Briteen Du’aan Boqotan


BRITAIN-ROYALS/QUEEN

Waggattan 70 darbaniifii mootii biyyaa Briteen kan turan mootittiin Eelizaabeex 2ffaan umurii isaanii wagga 96 mana isaanii Skootland ti argamu keessatti du’aan boqochuu isaanii ibsii masaaraa Baakingihaam irraa bahee beeksisee jiraa.

Wagga 70 aangoo irraa turuudhaan mootii jalqabaa kan ta’an Eelizaabeex mootii kana ta’an erga abbaan isaanii Joorji 6ffaan bara 1952 du’anii booda. Abban isaanii baraa 1936 jalqabani amma baraa 1952 mootii kan turan yemuu ta’u mootiin Eelizaabeex ifatti bakka abba isaanii kan bu’an barra 1953 akka ta’ee ibsameera.

Wagga 70 aangoo irra turan kannatti Winisteen Cherchilii kaasee muummee minstirootaa 15n wajjin kan hojjatan Eelizaabeex umurii isaanii wagga 21 ti qondaalaa umna galaanaa Filiip Moowuntibaatteni ti eerumanii ijoollee afur argataniiruu.

Bara 1948 kan dhalatan mucaan isaanii jalqabaa mootii weels kan ta’an Chaarles haadhaa isaanii bakka bu’udhaan mootii Biriteen ta’anii akka muudaman beekamee jira.

Eelizaabeex 2ffaan Yunaayitid Kiingidamii allati biyyootan 30 miseensotaa Komen weelz jedhamanuufs mootii ta’anii kan beekaman tura.

Guyyaan sirna awwaalchaa isaanii ammaaf ifatti hin beekamne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG