Yeroo waraansi Kaaba Itiyoophiyaatti humnoota Tigiraay waliin geggeessamaa jiru babal’atee jiru kanatti, lolli mootummaa Itiyoophiyaa fi garee riphxee-loltootaa Oromiyaa keessa socho’u – Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti geggeessamaa jiru xiyyeeffannaan inni argate xiqqaa dha. Hookkarawwan duraa booda waggaa kana keessa geggeessamaa turan wal-dhibdee saba-lammummaa hammeessuun, biyyattii keessatti adda-waraanaa lammaffaa akka tahuu malan tu sodaatama. Gabaasaa Henrii Wilkinsi, har’a Shawaa Roobit irraa erge caqasaa.
Lolli Oromiyaa Keessatti Geggeessamaa Jiru Daran Hammaachuu Mala Jedhame
- VOA
Forum