Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Kuma Hedduun Haleellaa Dhiheenya Horro Guduruu Wallaggaa Keessatti Geggeessameen Buqqa’an Gargaarsa Hin Arganne, Jedhame  


Horro Guduruu Wallaggaa, Aanaa Amuruu keessatti namoonni hidhaman yeroo dheeraaf seeratti akka hin dhihaatiin komatu, maatii isaanii keessaa (Suuraa faayilii)  
Horro Guduruu Wallaggaa, Aanaa Amuruu keessatti namoonni hidhaman yeroo dheeraaf seeratti akka hin dhihaatiin komatu, maatii isaanii keessaa (Suuraa faayilii)  

Naannoo Oromiyaa godina Hoorroo Guduruu wallaggaa aanaa Agamsaa fi aanaalee naannawaa sanaa keessatti haleellaa hagayya 23 hanga 25 bara 2014 raawwatameen namoonni qe'ee isaanii irraa buqqifaman hanga ammaa deeggarsa namoomaa hin arganne jechuun, buqqaatota keessaa dubbatan

Namoonni Kuma Hedduun Haleellaa Dhiheenya Horro Guduruu Wallaggaa Keessatti Geggeessameen Buqqa’an Gargaarsa Hin Arganne, Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:43 0:00

Waajjirri Buusaa Gonofaa Godina Hoorroo guduruu wallaggaa ammoo koree odeeffannoo walitti qabu qindeessinee gara buqqaatota imalanii jiran, jedhee, sababaa rakkoo neetwoorkiin kooree sana quunnamee odeeffannoo argachuu akka hin danda’iin dubbata.

Waajirri Buusaan Gonofaa Oromiyaa odeeffannoo buqqaatota sanaa haga ammaatti hin arganne, jedha. Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Qaammee 01 bara 2014tti ibsa baaseen sababa haleellaa Agamsaa fi gandoota naannawaa sanatti raawwatameen namoonni kuma 20 ol ta'an buqqifamanii magaalaa oboraatti haala rakkisaa keessa jiru, jedhee ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG