Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duutii Sababa Koovid 19’n Dhaqqabu Xiqqaachaa Jira Jedhame  


Lakkoofsii namoottan dhibee Kooviidn du’ani yeroo kamiinuu caalaa torban kana keessaa gadi bu’ee arrgamuu isaa daarikteeraa dhaabataa Fayya aduunyaa waabeffachuudhaan maddi oduu Rooyiters gabaasee jiraa.

Daarekteerii WHO doktoor Tewodiroos Adihaanoom Roobii kaleesaa ibssa kenna keessaatti adduunyaa Kooviidiin dhaabuudhaaf haala garii keessaa jirachuu baatus xumurii isaa garuu mulachaa jiraa jedhanii jiru.

Akka gabaasaa torbanii kan WHO ti torbana kana adduunyaa irratti lakkoofsii namoottan Kooviidiin du’anii dhibeentaa 22 gadi bu’ee jiraa. Torban tokko keessatti sadarkaa adduunyaatti namoottan dhibee kanaa du’an kuma 11 jedhameeraa.

Kun ittu kanaa jiruu biyyii Kooriyaa kaabaa duulaa talaallii jalqabuuf murteesuu ishee yeroo jalqabaatiif ifaa gochuun ishee gabaasamera. Prezidaantiin biyyatti Kim Joong Un ji’a sadaasaa dhufu keessaa duullii talaalii akka taasifamuu danda’u haasaa torban darbee taasisan keessatti akka ibsan himameeraa.

Kooriyaan kaabaa talaallichaa eessaa akka arggatte, issa kamiin akka fudhatte, doozii meeqaa akka fayyadamtuu wantii beeksifte hin jiru.

Adduunyaa irratti biyyoottan amma ammaatti talaalli Koviid ittu hin jalqabin jiran Kooriyaa kaabaa fi Eritiriyaa qofaa ta’uun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG