Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gujii Lixaa fi Aanaalee Ollaa Sanaa Ka Naannoo Kibbaa Irraa Namoonni 15,000 Sababaa Walitti-Bu’insaan Buqqa’uun Himame  

FAAYILII - Magaala Shakkisoo, Gujii
FAAYILII - Magaala Shakkisoo, Gujii

Sababa lola daangaa Gujii Lixaa aanaa Soorroo Barguddaa fi aanaalee Naannoo Saboota Sablammoota fi Uummatoota Kibbaa gidduutti ta’aa jira jedhameen namoonni kuma kudha shan qe’eerraa buqqa’uu Waajjirri Buusa Gonofaa Soorroo Barguddaa beeksise.

Gujii Lixaa fi Aanaalee Ollaa Sanaa Ka Naannoo Kibbaa Irraa Namoonni 15,000 Sababaa Walitti-Bu’insaan Buqqa’uun Himame  
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:30 0:00

Obbo Guyyee Galaanaa Hojjetaan waajjira Buusa Gonofaa Aanaa Soorro Barguddaa namootni kun buqqa’uun sababa lola daangaa aanaa Ammaarrooo fi Burjii waliin gandoota daangaarratti argaman keessatti gaggeeffamaa jiruun ta’uu ibsan.

Buqqaatonni kunneen gama isaaniin gandoota daangaa kudhan keessaa baqachuu himanii gargaarsi isaaniif dhiyaataa jiru murtaawaa waan taheef rakkoo keessa jiraachuu dubbatan.

Forum

XS
SM
MD
LG