Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakka-bu’aan Mootummaa Itiyoophiyaa Gabaasaa Koree Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii Baase Morman 


FAAYILII - Taankii barbadaakee qarqara karaa konkolaataa jiru, Humaraa, Caamsaa 1, 2021.
FAAYILII - Taankii barbadaakee qarqara karaa konkolaataa jiru, Humaraa, Caamsaa 1, 2021.

Jeenevaatti kan argamuu komishiiniin dhimma mirga namoomaa kan mootummootaa gamtoomanii dhimaa itiyoophiyaa irratii koreen hundeesee Ibsa dheengadda baaseen walwaraansaa akka haaraatti irra deebi’ee Kaaba Itiyoophiyaatti jalqabameen gochii gara jabeenyaa raawwachuu akka danda’u ibsee gareewaan walwaraansichaa keesaa harkaa qaban yakka waraanaa fi sarbiinsaa mirga namoomaa raawwachuu isaaniitiif akka raga qabatamaa qabuu ibsee jira.

Koree kana kan hoggannan Kaarii Beetii Murungii walwaraansaa kaabaa itiyoophiyaa keessatii taasifamaa jiruun walqabatee keessuumaa Tigiraay keessatii yakki farraa namoomaa raawachuu isaa akka raga qaban ibsuu isaan kan gabaasee Dhaabannii Oduu AFPn gocha kanaafis korichii mootummaa Itiyoophiyaa aak itti gaafatamaa godhee ibsee jiraa.

Karaa biraatiin Dhimmaa kana irratii Alula kebede VOA irraa kan haasofsiise dhaabataa mootumootaa gamtoomaani Jeeneevaati bakka bu’aa dhaabbataa mootummaa Itiyoophiyaa kan ta’an Ambaasaader Zenebe Kebede, akkataa koreen sun ragaa waltii qabee fi gabaasa isaa qopheessee akkaataa dhaaba mirga namoomaatiif falmuutiin ittuu hin ta’iin akkataa siyaasaatin jechuudhaan gabaasiin korichaa akka fudhatamaa hin qabnee himaniiru. Itti dabaluudhaanis,

“Itiyoophiyaa keessaa ittuu hin seenini , ittuu ragaa hin argatin, namoota 20 hasofsiisanii, wareen midhaman ittuu hin argin, raga- baatota ittuu hin dubbisin, ragaa qabatamaa ittuu hin qabaatin , odeeffannoon isaan walti qabani fi akkaataan isaan odeeffannoo sana ittiin calalan,akkaataan dhiheessan qulqulleeffannaa dhimma mirga namoomaa ittuu hin ta’in ibsaa siyaasaati kan dhiheessan. Duraanuu dhimaa siyaasaatiif hundeeffamani kan jechaa turree kan dhugoomseedha,” Jedhaniiru.

Haalumaa wal qabatuun dhaabbanni miti mootummaa dhimma Oromoo irratti hojjatuu fi OLLAA jedhamee beekamuu ibsaa koree mirgana namoomaa kana irratti yaadaa kenneen korichii sarbiinsa mirgaa namoomaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwachaa jiruu irratti xiyyeeffannaa kennuu qaba jechuudhaan gaafachuun isaa beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG