Sababa wal waraansaa akka haaraatii jalqabameen kan ka’ee marsaa sadaffaadhaaf namoottan q’ee isaanii irraa buqa’niif dhaabileen gargaarsaa namoomaa addunyaa akka gargaarsaa taasisan Mootummaan naannoo Affaar gaafachuun isaa gabaasameera.
Komishineriin bulchiinsaa iitisa balaa naannoo Affaar Mohaamed Huseen sababa walwaraansaa haaraa Kanaan kan ka’ee anaalee Megale fi Golliinaa keessaa namoonii kuma 100 fi kuma Torba ta’an buqa’uu isaani akka buqqa’uu ibsan Gebremikaa’el Gebremedihin Finfinnee irraa gabaasee jira.
Walwaraansa Kanaan duraa daangaa naannoo Affaar fi Tigraay irra tureen namoonnii kuma 300 fi kuma 36 qe’ee isaanii irraa buqa’anii buufataa 17 keessaatti gargaaramaa akka turanf ABUT erga bakkicha gadi dhiisee bahee booda qe’ee isaaniitti deebi’uu isaanii obbo Mohaamad Huseen himaniiru.
Dhaabataa mootumootaa gamtoomaniitii dhaabanii qindeesaa gargaarsa namoomaa ykn OCHAN akka jedhetii sababa walwaraansaatiin allatti lammiileen naannoo Affari Kuma 59 ta’an balaa lolaa roobaatiin kan ka’ee qe’ee isaanii irraa buqa’aniiru.
Akka gabaasinii OCHA jedhetti, jiraattonii balaa bishaanii Kanaan qe’ee isaanii irraa buqa’an bakkaalee Godna lakkoosa Tokko keessaa jiran Asaa’ita, Afaamboo, Miillee fi Dubtii , akkasumas Godna lakkoofsa Sadii jalatti, anaalee Gawwaanee, Galaaloo, Anibaaraa, Hanruuka, Buree Mudaayitu, Awaash Fantaallee fi Dulacha keessaa akka ta’ee beekameera.
Forum