Xurree ittiin seenan

Breaking News

Horroo Guduruu Wallaggaa Keessatti Namoonni 100 Ol  Hidhattootaan Ajjeesamuu Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Gabaase  


Wajjira Koomishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Finfinnee
Wajjira Koomishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Finfinnee

Naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu aanolee adda addaa keessatti torban sadii keessatti namoonni nagaan ykn siiviilii 100 ol ajjeeffamu komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa ibse.

Horroo Guduruu Wallaggaa Keessatti Namoonni 100 Ol  Hidhattootaan Ajjeesamuu Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Gabaase
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:57 0:00

Komishinichi ibsa kaalessa fulbaana 16 bara 2015 ‘n baaseen haleellaa walitti fufiinsaan kanneen raawwatan Waraana Bilisummaa Oromoo kan ofiin jedhan, mootummaa “Shanee” ittiin jedhuu fi Hidhattoota Amahaaraa ijaarsa idlee hin ta’uu ibsee jira.

Godinaa Hoorroo Guduruu Aanaa Amuruu fi Jaardagaa Jaarteetti torban darbee eegalee haleellaan jiraattoota irratti rawwatamaniin jiraattonni hedduun ajjeeffamu jiraattoonni aanota kanneenii sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Taajaajilli komunikeeshinii mootummaa Itoophiyaa ibsa fulbaana 14 bara 2015 baaseen “Shanee” jechuun kan ibse gareen hidhatoota annaa Jardagaa Jaarteetti lammiillee nagaa fi milishaa naannoo irratti haleela rawwatan, jedhee jira.

Waranaa Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan shanee ittin jedhuu ajjechaa lammillee nagaattin kan mootummaan isa himate “oduu dharaa ti” jechuun morme.

Haleellaa raaw’atame, jedhamee fi Hidhaatotaa Amaharaa ideilee hin ta’iiniin, jedhame ilaalchisee, qama mootummaa irraas ta’e qamaa hidhatoota jedhamanii irraa hanga ammatti waanti jedhame hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG