Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan kutaalee Yukreen Afur Kan Ofii Ishee Gochuuf Deemti 


Raashaan kutaalee Yukreen Afur Kan Ofii Ishee Gochuuf Deemti 
Raashaan kutaalee Yukreen Afur Kan Ofii Ishee Gochuuf Deemti 

Raashaan kutaalee yukreen keessaa 4 ofitti dabaluu ishee guyyaa labsitee kabajuuf saganteeffatteetti, kokolaataan gargaarsa dhala namaa fe’anii turan magaaloota Zaprojiyaa fi Mikolaayv cinatti Raashaan haleelaman.

Angawoonni akka jedhanti yoo xiqqaatenamnii 23 ajjeefamanii kanneen biroon 28 zaprojiyaa cinattikan mada;an yoo ta’u, Mikolaayiv keeessatti immo yoo xiqqaate 3 ajjeefamanii 12 mada’anii jiran.

Konkolaattonni maatiwwan firrottana isaanii naannoo to’annaa jala jiru keessaa baraarsuuf adeema turan akka keessa jiran ibsamee jira.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin labsii naannoolee Doneesk, Luhansk, Kiirsan fi Zaprojiyaa of keessatti hammate Jimaata har’a mallatteessuuf jiran namoonni hedduun akka seeraan alaatti ilaalan.

Ayyaanni kun Moskoo keessatti konsartii fi hiriira gaggeeffamuun kan kabajamu ta’uu ibsameera.

Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy deebii kanaaf kennaniin, Kamisa kaleessaa walgahii ariifachiisaa qondaaltota isaanii olaanoo hundaa akka gaggeeffamu gaafataniiru. Manni maree nageenyaa fi ittisa biyyoolessaa kan Yukireen Jimaata har’a walga’ii taa’a.Gama kaaniin biyyi Finlaand daangaa Raashaa waliin qabdu cuftee jirti.

Barreessaan Muummichii tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteerees kutaaleen kun arfan akka kan Raashaa ta’anti labsuuf karoorfamuu isaa cimsinee balaaleffanna, kan seeraan alaa waan ta;eefis fudhatamas hin qabu jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG