Sababa wal waraansa Itiyoophiyaa gama kaabaa deebi'ee eegaluu isaatiin kan ka’e bulchiinsa naannoo Amaaraa Qoboo fi naannowwan Godiina walloo kaabaa ka biroo irraa namoonni dheessan, amma gara magaalaa irraa dheessantin deebi'aa akka jiran namoonni ijaan argan himaniiru.
Mootummaan federaalaa ibsa kanaan dura baaseen, Addi Bilisummaa uummata Tigraay(ABUT) bulchiinsa naannoo Amaaraa gama bahaa Qoboo fi naannoo isheetti akka gareen kun karoorfatetti hin deemneeef jedhee jira.
ABU garu, tarkaanfii gamasii ba’u kana kan fudhatee, weerara karaa Kaabaa dhufe qolachuuf tooftaa itti fayyadamee ta’uu ibsite.
Walloo Kaabaa keessatti wanti haaraan mul’achaa jiru kun, walitti bu’iinsa waggoota lama guutuuf jedhu, mariidhaan furuuf yaalii hawaasni addunyaa godhuu fi dhiibbaa geesisuu itti fufee yeroo jirutti.
Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Blinken pirezidaantii haaraa Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo waliin kaleessa dhimmootii mar’atan keessaa walitti bu’iinsii Itiyoophiyaa gama kaabaa KEESSAA tokko ture.Blinken walitti bu'insa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti adeemsifamaa jiruu fi Ameerikaan rakkoo xaa'oo furuuf carraaqqii taasiftu irratti Pirezidaanti Ruutoo waliin mari'ataniiru,"
Gama kaaniin dubbii himaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Geetaachoo rRaddaa, Humnii qilleensaa Itiyoophiyaa fi Ertraa haleellaa hamaa xayyaara nam- maleeyyii ykn Drooniin har’a Adi Daeroo keessatti gaggeessan jechuun Twitarii irratti barreessan.
Haleellaan kun uummata Tigraay dhiyaa keessaa manaa fi qe’e ofii irraa godaanan irratti qiyyaafachuu isaa fi Daa’iimanii fi maanguddonni kurnaa ol ajjeefamanii hedduun madaa’uu ibsan.geesisaniin,
Gocha kana baayyee gaddisiisaa kan taasisuu jedhan Obbo Geetaachoon, namoonni miidhaman kun Kanaan dura manaa fi qe’e ofii irraa dheessanii bakka quubsuuma Adiyaaboo keessa warra turan ta’u isaa ti jedhan.
Forum