Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Araaraa Itiyoophiyaa Geggeessamuuf Ture Yeroo Biraatti Dabarfamuun Gabaasame 


FAAYILII - Meeshaa waraanaa naannoo Daanshaa, Tigraay, Hagayya 24, 2022
FAAYILII - Meeshaa waraanaa naannoo Daanshaa, Tigraay, Hagayya 24, 2022

Mariin nageenyaa walitti bu’insa waggaa lamaaf naannoo kaaba Tigraay keessatti gaggeeffamaa ture xumuruu yaaluuf xumura torban kanaa geggeessamuuf yaadi dhihaatee fi Gamtaa Afriikaan durfamu, sababa loojistikaatiin boodatti harkifachuu isaa maddeen dippilomaasii lama Jimaata har’aa beeksisaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Dura taa'aan Komishina Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii Mahaamaat, adeemsa nageenya Itoophiyaatiif garee ol aanaa kan lammiiwwan Afriikaa beekamoooo hundeeffamuu isaa beeksisaniiru. Ameerikaan adeemsa nagaa gamtaa Afriikaan durfamu ka deggertu ta’uu irra deebi’uun beeksistee jirti.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa VOAf ergaa e-mail erganiin, Keeniyaa, Afriikaa Kibbaa fi michoota sadarkaa addunyaa kanneen biroo waliin ta’uu dhaan Yunaayitid Isteetis dursa gamtaa Afriikaan kan geggeessamu adeemsa nageenyaa deggeruuf qophii ta’uu irra deebi’uun ibsaniiru. Akka dubbi himaa kanaatti ergamaan addaa Yunaayitid Isteetis kan gaanfa Afriikaa Maayik Hamar gamtaa Afriikaan kan durfamu tattaaffii jaarsummaa cimaa jalqabuuf, mootummaa Keeniyaa, michoota naannoo fi kan sadarkaa addunyaa kanneen biroo waliin mari’achuuf yeroo ammaa Naayiroobiitti argamu.

Yunaayitid Isteetis qaama adeemsa nageenyaa kan ta’e, waraanni hatattamaan akka dhaabaruu ti gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee akka itti fufu yaadachiistee jirti. Eertraan gara daangaa ofiitti akka deebituu fi kanneen biroonis walitti bu’iinsa hammeessuu irraa akka of qusatan gaafattee jirti. Gamtaa Afriikaan kan durfamu mariin nageenyaa Sambata borii jechuun Onkoloolessa 8 bara 2022 geggeessamuuf kan karoorfame yoo ta’u, qaamni lamaanuu afeerraa sana simataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG