Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dooniin Tokkummaa Mootummootaa Midhaan Fe’ate Gara Itiyoophiyaatti Qajeeluu Yukireen Beeksiste

FAAYILII - Doonii qamadii gara Itoophiyaa ergamu meetrikii30,000 feetee Yukireen irraa Jibuutii galte, Hagayya 30, 2022
FAAYILII - Doonii qamadii gara Itoophiyaa ergamu meetrikii30,000 feetee Yukireen irraa Jibuutii galte, Hagayya 30, 2022

Sagantaan nyaata addunyaa WFP kan kireessee ture dooniin shanaffaan buufata doonii galaana gurraachaa Yukireen Chorno-morsk irraa ka’uu dhaan qamadii toonii 30,000 Itiyoopohiyaa dhaan kan dhaqqabsiisu ta’uu ministeerri misooma bu’uuraa Yukireen Jimaata har’aa beeksisee jira. Yukireen akka sagantaa kanaatti qamadii toonii 150,000 gara Itiyooophiyaa, Yemenii fi Afgaanistaanitti duruu ergitee jirti.

Midhaan Yukireen gara alaatti ergitu erga waraanichi ka’ee as sababaa buufati doonii galaana gurraachaa kan daandii doonii ta’e cufameef gad xiqqaachuun gatiin yaataa dabale. Kunis Afriikaa fi giddu galeessa bahaa keessatti sodaa hanqina nyaataa uumee jira.

Jaarsummaa Tokkummaa mootummootaa fi Turkii-tiin Mooskoo fi Kiiyiv walii galtee irra ga’aniin buufataaleen doonii galaana gurraachaa sadii banamanii jiran. Ministrichi kaleessa akka ibsetti, akka walii galtee jaarsummaa tokkummaa mootummootaan irra ga’ameytti hanga yoonaa oomishi qonnaa toonii miliyoonii 6.4 Yukireeni irraa fe’amee jira.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG