Barnootaa Itiyoophiyaa keessaa kan baatilee Eblaa hanaga waxabajjii gidduu kan ilaaleen Tokkummaan Mootummootaa gabaasnii baasee akka agarsisuutti, walitti bu’iisii gaggeeffamaa jiru,caamaa fi sadarkaan hanqina nyaataa biyyattii keessatti dabalaa deemuun, carraa barnootaa daa’imman irratti dhiibbaa guddaa geessisuu itti fufee jrara jedha.
Mootummoonni bulchiisa naannolee garuu rakkoo beelaa fi hanqina nyaataa daa’imman mana barumsaa keessatti isaan mudatuu furuudhaan sagantaalee soorata ykn nyaata mana barumsaa keessatti guddisuuf akkasumas lakkoofsa kanneen barnoota addaan kutanii hir’isuu kaayyoo godhachuun hojii irra oolchaa jiru jedha gabaasnii ba’e kun.
Bulchinsii naannoo Oromiyaa fi naannoo uummattoota gama Kibbaa akkasumas bulchiinsi Dire Dawaa Sagalee Ameerikaatti akka himanitti, daa’imman mana barumsaatti deebi’uuf sagantaalee nyaata mana barumsaa keessatti hojii irra oolchaa akka jiran ibsaniiru.
Gamtaan Afrikaas biyyoonni miseensa isaa ta'anii fi michoota isaa kan misoomaa ta’an daa'imman gara mana barumsaatti deebisuuf carraan nyaata mana barumsaa hatattamaan akka deebi'uuf tarkaanfii akka fudhatan gaafachaa tureera jechuun Addis Chakkool gabaasee jira.
Forum