Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Garee al-Shabaabitti Duuluu Akka Dandeessu Uggurri Meeshaa


FAAYILII -nLoltoota Alshabaab qarqara Magaala Moqaadishootti Muddee 8, 2008
FAAYILII -nLoltoota Alshabaab qarqara Magaala Moqaadishootti Muddee 8, 2008

Itiyoophiyaan tarkanfii fudhatame deggeruu dhaan Ugaandaatti ergi dabalamtee booda Somaaliyaan duula uggura meeshaa waranaaf duula geggeessituuf deggersa argataa jirti.

Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa baatii Sadaasa dhuftuu uggura sana hanga tokko haaressuuf sagalee kennuuf jira. Somaaliyaan shororkeessota garee haala gaariin al-Shabaabitti duuluu akka dandeessuuf uggurri sun akka irraa haqamu gaafatte.

Deggersi Itiyooophiyaa kan dhaga’ame Somaaliyaa fi michoonni ishee duula bal’aa bananiin baatii Adoolessaa keessa gareen hidhattoota Islaamummaa Itiyoophiyaa erga seenanii booda jedha gabaasi Ahimed Mohammed Moqaadishoo irraa erge.

Prezidaantiin Somaaliyaa Sheek Mohaammudii fi muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimed akka jedhanitti uggurri gola naga eegumsaa kan kurna sadii Somaaliyaan garee al-Shabaabitti milkaa’inaan akka duultu ka’uu qaba.

Hoogganoonni lamaan ibsa waliinii kan baasan Fulbaana 30 ennaa loltoonni Somaaliyaa fi michoonni isanii haleellaa geggeessanitti.

Somaaliyaan meeshaalee waraanaa jabanaa fi knkolaataawwan waraanaa dabalatee uggurri kaa’ame akka irraa ka’uuf duula jalqabde akka deggeraniif baatii Adoleessa keessa biyyoota miseensota gamtaa Afriikaa gaafattee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG