Ameerikaan waraansi Kaaba Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatu irra deebitee waamicha dhiyeessitee jirti. Itti aanaa dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Veedaant Paateel kaleessa gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, Ameerikaan ''hokkara dabalaa dhufe, lubbuu namootaa darbuu, loogii malee namoota nagaa irratti fuuleffachuu fi waldhibdeen kaaba Itiyoophiyaa keessaa gaaga'amaa walitti bu’iinsa kanaan wal qabatee geggeessamu ilaalchisee akkaan yaadda’uu ishee ibsaniiru.
Itti aanaa Dubbi himaan kun akkasumas qaamoleen wal waraanaa jiran hundi waraansa akka dhaaban, Eertiraan loltoota ishee akka baaftuu fi Humnoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay dadammaqiinsa dabalataa kamuu akka dhaaban, akkasumas gargaarsa namoomaa gufuu tokko malee akka dhaqqabu gaafataniiru.
Lolli kun garuu gama adda waraana adda. Lola itti fufe kanaan waraanni Itiyooophiyaa kaleessa magaalota gurguddoo Tigraay keessaa tokko kan taate Shiree seenee jira. Humnoonni diigumsaa kun kaleessa magaalaa Shiree Endasillaasee seenaniiru" jechuun TPLF ibsa baaseen mirkaneesse.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa hanga ammaatti haala dhiyeenya raawwatame kana ilaalchisee deebii hin kennine. Kaleessa garuu buufata xiyyaaraa fi dhaabbilee federaalaa, fi dhaabbilee naannichatti argaman to’achuuf karoorfachuu isaa beeksiseera.
Oduu amma nu ga’een immoo waraanni Itiyoophiyaa magaalaalee Kaaba Tigraay sadii waraansi utuu hin geggeessamin to’achuu isaa har’a beeksisee jira. Rooyiters akka gabaasetti magaalaaleen kun Shiree, Koremii fi Allaamaaxaa dha.
Forum