Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Obboloota Keenya Tigraay Waliin Dhaabannee Misoomaaf Waliin Hojjennu Dhiyoo Dha: Muumicha Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed


FAAYILII - Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed, Finfinnee, Guraandhala 1, 2019
FAAYILII - Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed, Finfinnee, Guraandhala 1, 2019

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed dhiiga dhangala’uu waggoota lamaaf ture dhaabsisuuf mariin geggeessamuuf karoorfame utuu hin ga’in, waraansa Tigraay keessa dhaabuuf waadaa seenuudhaan nageenyi ni injifata jechuun dubbatan.

Abiy Kamisa kaleessaa haasaa Finfinnee dhaa alatti taasisaniin “Guyyaan obboloota keenya Tigraay waliin dhaabbannee misoomaaf waliin hojjennu dhihoo ta’uu abdiin qaba” jedhan.

Afriikaa kibbaa keessatti Wixata dhuftu kan geggeessamu marii araaraa irratti afeerraa gamtaa Afriikaan affeerame kan jedhe mootummaan, walitti bu’iinsa hammaataa dhufe furuuf yaalii taasisamu keessatti kan hirmaatu ta’uu ibsee jira jechuun Ajaans Firaans Pires gabaaseera.

Manni maree nagaa fi tasgabii gamtaa Afriikaa jimaata har’aa wal ga’uu dhaan marii araaraa dukkanaa’aa adeeme sana jaarsummaan kan hoogganan jilli gaanfa Afriikaa Oluuseeguun Obaasaanjoo ibsa kennaniiru.

Walgahiin kun kan geggessame marii Jimaata har’aa golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa rakkoo hammaataa adeeme irratti mari’achuuf eegamaa ture dura. Gamtaan Afriikaa jalqaba baatii kanaa gareelee wal fincilan gara mariitti dhiyeessuu waan dhabeef jecha dhiibban sadarkaa addunyaa hammaataa adeemee jira, Tigraay keessattis lolli akkasuma hammaataa adeeme.

Hoogganoonni naannoo waraansaan bututte keessaa guyyaa marii haarawaa karoorfame ilaalchisee kallattiin yaadi kennan jiraachuu baatus, garuu adeemsa nageenyaa gamtaa Afriikaan durfamuuf cicha qaban irra deddeebi’uun ibsanii jiran

Baatii Sadaasa bara 2020 loltoota gama Tigraayitti kan ergan Abiy, waraansi sun ni dhaabata nageenyi ni buufata jedhan. Itiyoophiyaan nagaa ni argatti, rakkoon keenyas yeroo hin murtaa’iniif itti hin fufu jechuu dhaan Finfinnee dhaa alatti kan geggeessame sirna baniinsa projektii tokko irratti dubbataniiru jedha gabaasi Ajaans Firaans Pires.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG