Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hongeen Itiyoophiyaa Mudate Dhiyeennyatti Fooyya’uuf Abdiin Hin Jiru Jedha OCHAn 


FAAYILII - Konkolaataawwan qarqaarsaa naannoo Erbittii, Tigraay, Waxabajjii 9, 2022
FAAYILII - Konkolaataawwan qarqaarsaa naannoo Erbittii, Tigraay, Waxabajjii 9, 2022

OCHAn haalli hongee Itoophiyaa yeroo dhiyootti fooyya’a jedhamee hin eegamu jedha. Akka tilmaama haala qilleensaa dhiheenya kanaatti, haalli waliigalaa yeroo dhiyootti fooyya'a jedhamee hin eegamu, haalli jijjiirama qilleensaa Laa Ninaa hanga dhuma bara 2022tti itti fufa jedhamee eegama.jedhe dhaabbatichi tokkummaa mootummootaa OCHAn.

Karoorri gargaarsa namoomaa Ityoophiyaaf deebii kennuu bara 2022 guutuu biyyattiitti namoota miiliyoona 20 ol ta’an dhaqqabuu irratti ka fuuleffatuuf, Doolaara Ameerikaa Biiliyoona $3.09 barbaada.

Dhaabbatichi tokkummaa mootummootaa kun garuu gaaffii ummata gargaarsa hatattamaa barbaadu guutuuf hanqinni maallaqaa isa mudatee jira jedheera.

Karoorri gargaarsa namoomaa kan bara 2022 waggaan kun xumuramuuf baatileen sadii gad hafee ennaa jirutti maallaqi harkaa qabu dhibba irraa harka 39% gad ta’uu OCHAN beeksisee jira jedha gabaasi Yonataan Zebdwoos.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG