Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Araaraa Itiyoophiyaa Har’a Afriikaa Kibbaa keessatti Jalqabama Jedhamee Eegama


FAAYILII - Magaala Johaanisberg, Afrikaa Kibbaa, Fulbaana 1, 2004
FAAYILII - Magaala Johaanisberg, Afrikaa Kibbaa, Fulbaana 1, 2004

Gamtaa Afriikaan kan hoogganamu mariin araaraa motoummaa federaala Itiyoophiyaa fi TPLF har’a Afriikaa Kibbaa keessatti jalqabama jedhamee kan eegamu ta’uu mnistriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis mirkaneesseera.

Kaaba Itiyoophiyaa keessaa namoota hedduu kan galaafate, dhiiga kan dhangalassise, beelaaf kan saaxilee fi walitti bu’iinsa haalawwan hedduu daran hammeesse furuuf mariin araaraa Gamtaa Afriikaan durfamu kun jalqabama jechuu dhaan dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ned Piraayis wixata kaleessaa tuuta oduuf ibsa kennaniiru. Pritooriyaatti kan geggeessamu mariin araaraa hanga Onkoloolessa 30ttk akka turu dubbi himaan prezidaantii Afriikaa kibbaa ibsanii jiru. Keet Baartileet Johaansberg irraa akka gabaasetti wal ga’iin sun hanga yoonaa miidiyaaf banaa hin taane.

Itti gaafatamtuun presii kan White House Zaan Piyeer Afriikaan kibbaa wixata gaazixeessotaaf ibsa kennaniin marii kana qindeessuu ishee galateeffataniiru.

Zaan Piyeerii fi Piraayis lamaanuu yunaayitid Isteetis bakka bu’aa gamtaa Afriikaa Oluuseeguun Obaasaanjoo fi miseensota gumii gamtaa Afriikaa, itti aanaa prezidaantii Afriikaa kibbaa duraanii Milaamboo Niguukaanii fi prezidaantii Keeniyaa duraanoo Uhuuruu Keeniyaattaan marii araaraa sana deggeruuf qophee ta’uu isaanii irra deebi’uun mirkaneessaniiru.

Washington waraansi sun atattamaan akka dhaabatu, deggersi addaan hin cinne lammiiwwan Itiyoophiyaa rakkoo keessa jiran akka dhaqqabu, dhiittaa mirga namaa itti dabalaa fi dararaa ittisuu akkasumas waraanni Eertraa Kaaba Itiyoophiyaa gad dhiisee akka ba’u gaafataniiru.

Afriikaa kibbaatti marii geggeessame gama ilaaleen ibsi kenname hin jiru. Mariin sun ennaa waraanni Itiyoophiyaa magaalaalee Tigraay hedduu to’atee jirtutti geggeessamaa jira. Dura taa’aan TPLF Debretsiyoon Gebremikaa’el garuu weerartoota Itiyoophiyaa fi Eertraa ni injifanna jechuun dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG