Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Miidiyaa Mootummaa Chaayinaa (CGTN)tti akka himanitti, “marii mootummaa fi TPLF gidduutti Afrikaa Kibbaatti adeemsifamaa jiru keessatti jiddu seeniinsa alaa guddaan’ ture. Akkasumas, nagaan argamuu akka danda’u abdii guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.
Gama biraan, Yunaayitid Isteetis mariin Afrikaa Kibbaatti mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT gidduutti gaggeeffamaa ture gara torbee biraatti dheerachuun “paartiileen kun addaan fageenya hanga tokko waliin dhufuu isaanii agarsiisa jettee jirti. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ned Priaayis kaleessa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin paartileen kun adda addummaa isaanii haala mari’atanii fi fageenya gidduu isaanii dhiphisuu haala danda’an irratti waliin gad taa’anii mari’achuuf eeyamuu isaaniif mallattoon jira jedhan.
Dubbi himaan kun itti fufuu dhaan Yunaayitid Isteetis fixiinsi jamaa uumamu mala ka jedhu illee hedduu isee jeeqee ture jedhan. Gama biraan marsariiti abbummaan isaa kan Itiyoophiyaatti jila gamtaa Awrooppaa ta’e tokko humnoonni Eertraa fi Itiyoophiyaa haleellaa Tigraay irratti oofan cimsanii itti fufuu isaanii qeequu dhaan humnoonni Tigraay tarkaanfii of irraa ittisuu fudhatan faarsanii jiran.
Haa ta’u malee booda irra, waajjirri gamtaa Awrooppaa kan Finfinnee jiru marsariitiin sun cabsamee kan seename ta’uu ibsa baaseen beeksisee jira.
Forum