Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Itiyoophiyaa Keessaa Hundee Furuuf Marii Hunda Hirmaachiseetu Barbaachiisa: OLLAA


Walii galteen mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT giddutti tolfame tarkaanfii gaarii ta’u OLLAAn ibsa baaseen hubachisee jira.

Garu OLLAAn yeroo dheeraaf adeemsi marii hunda hammate, kan bakka bu’oota sabaa fi sablammoota gurguddoo fi gareelee siyaasaa hunda hammatee fi haala giddu-galeessa ta’een hoogganamu, hundee walitti bu’iinsa guutuu Itoophiyaa keessatti mul’atu furuu fi nagaa waaraa bu’uura kaa’uuf barbaachisaa akka ta’u ibsaa turre jedhee jira.

Imaammanni haqaa ce’umsaa guutummaa Itoophiyaa keessatti yoo sirnaan hojiirra oole, adeemsa marii hunda hammate, miidhamtoota sarbama mirga namoomaa haqaa akka argatan gochuun, akkasumas nagaa waaraa fi tasgabbii naannoo bu’uura kaa’uuf gargaaruu danda’a jedha OLLAAN.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG