Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallagga Lixaatti Humnoota Mootummaf Riphxee-loltoota Gidduutti Wal-waraansi Akka Geggeessamaa Jiru Jiraattonniif Qaamonni Mootummaa Ibsan 


FAAYILII - Horro Guduruu Wallaggaa, naannoo Oromiyaa
FAAYILII - Horro Guduruu Wallaggaa, naannoo Oromiyaa

Naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa aanaalee fi magaalota tokko tokko riphxe loltootni tibbana to’annaa jala oolchuu, jiraattota keessaa hagi tokko Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.

Wallagga Lixaatti Humnoota Mootummaf Riphxee-loltoota Gidduutti Wal-waraansi Akka Geggeessamaa Jiru Jiraattonniif Qaamonni Mootummaa Ibsan 
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:39 0:00

Aanaa Mansibuutti magaalaan Mandii, aanaa Qilxu-kaarraafi aanaan Lataa Sibuu gurmuu riphxe loltootaa Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan Shanee jedhee waamuun to’atamuu, kanaan wal-qabatee tajaajilli geejjibaa magaalaa Naqamtee irraa gara naannolee biroo Oromiyaa Lixaa fi Naannoo Benishaangul Gumuz geessu addaan cituullee himan – jiraattonni kun. Kan dhimma kana irratti gaafataman – dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Oromoo, Obbo Odaa Tarbii naannoolee bakkawwan to’achuu isaanii eeran.

Gama biraatiin Godina Beenishaangul Gumuz aanaa Baambasii, Aanaa Wallagga Lixaa Mana sibuu waliin wal daangessu keessatti, lola humnoota mootummaa fi riphxe loltoota gidduutti uumame hordofuun, galgala sa’aatii 2:00 hanga barii sa’aatii 12:00tti daangaan yeroo sochii kaa’amuu Bulchaan Aanaa Baambasii Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.

Dhimma kanaan walqabatee guyyoota afran darbaniif angawotoa godinaa Godina Wallagaa Lixaa, kan naannoo Beenishaangul Gumuz fi naannoo Oromiyaa, akkasumas Ministeera Barnootaa Federaalaa dabalatee qaamolee federaalaa biroo irraa ibsi bal’aa argachuuf carraaqqiin goone hin milkoofne. Naakoor Ambo irraa gabaasaa dabalatee qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG