Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godiina Gujii fi Aanaa Amaaroo Giddutti Araarri Bu’uun Gabaafamee Jira


Naannoo Amaaroo
Naannoo Amaaroo

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa godiina Gujii fi bulchiinsa naannoo ummattoota gama kibbaa aanaa addaa Amaaroo keessa rakkoon nageenyaa waggaa 6f ture araarrii bu’e xumuramuu isaa, aangawoonnii naannoolee lameenii RSAf ibsanii jiru.

Araarrii bu’u isaan gammaduu isaanii kan ibsan jiraattonni aanaa Galaan fi aanaa addaa Amaaroo araarrii kun kan waaraa akka ta’uuf hidhattoota uummata walitti buusuu jedhanii fi yakkamtoonni akka qabaman, kanneen waggoota dheeraaf godaananii tiranis akka qe’etti deebifaman gaafatan.

Bulchitoonni godiina Gujii dhiyaa fi kan Amaaroo humnootiin nageenyaa kan naannoo fi mootummaa Fedeeraalaa gareelee hidhatan irratti tarkaanfii akka fudhataa jiran ibsuun, kanneen jireenya ofii irraa buqqa’an deebisuuf kallattiin ka’amuu ibsan jechuun yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irra gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG