Xurree ittiin seenan

Breaking News

Omiishnii Bunaa Gad Anaa Ta’uun  Drgommii Gama Gatiin Ta’u Irratti Dhiibbaa Geesisee Jira


FAAYILII - Waldaa Holisoo keessatti dubartoonni yeroo buna gurguraaf qophaahaa jiru guuraan ,Sidaamaa, Sadaasa 30, 2012
FAAYILII - Waldaa Holisoo keessatti dubartoonni yeroo buna gurguraaf qophaahaa jiru guuraan ,Sidaamaa, Sadaasa 30, 2012

Itiyoophiyaa keessatti oomishnii bunaa heektaara tokko irraa argamu gad bu’aa ta’uu fi gatiin omishaaf ba’u dabaluun, biyyoota Buna gatii xiqqaan gabaaf dhiyeessan waliin dorgoomuuf rakkisaa ta’u waldaan Buna biyya alaatti ergu kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Abbaan aangoo Bunaa fi Shayee Itiyoophiyaa gama isaan oomiisha Bunaa guddisuuf hojjatamaa akka jiru ibsee, omishinii waggaa waggaan dabalaa akka jiru ibse.

Waajiira kanaaf Daayreekteera kan ta’an Dr. Addunyaa Dabalaa RSAf akka ibsanti, waggoota dabran lamaaniif Bunni gara biyya alaatti ergame Tonii kuma 100 kan guddatee yoo ta’u, toora sana irraa galiin jiru harka 35 dabaluu ibsan.

Pireezidaantiin Waldaa Buna alatti erguu Obbo Dassaleny Jenaa RSAf akka ibsanti, buna Itiyoophiyaa oomishtummaa gadi aanaadhaan argamu, garuu baasii oomishaa ol’aanaadhaan oomishamu kanneen Buna biyya alaatti ergaa jiraniif bu’aa isaanii eeguuf gatii gurgurtaa olaanaa waan kennaniif, gatii gabaa buna addunyaatiin dorgomuu hin dandeenye jechuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Mediin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG