Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dandeetti Ingliffaa Dabaluuf Hojjatamaa Jira:Miniseera Barnootaa fi Itiyoo Teeleekom


FAAYILII - Waajjira Itiyoo-telekoom, FInfinnee, Adoolessa 26, 2018
FAAYILII - Waajjira Itiyoo-telekoom, FInfinnee, Adoolessa 26, 2018

Ministeerri Barnootaa fi Itiyoo-telekoom waliin ta’uun sirna barnoota gama intarneetii weeb portaal jedhamuun barattoonni sadarkaa olmaa daa’immanii irraa kaasee hanga kutaa 12tti tolaan Afaan Ingiliffaa akka baratan gargaaru eegalanii jiru.

Waltajjiin barumsaa teeknooloojii kun barattoonni meeshaalee toora interneetii namoota afaan dhalootaatiin qophaa’an irraa Afaan Ingiliffaa akka baratan kan dandeessisu ta’a. Ministirri barnootaa Dr Berhaanuu Negaa waltajjiin kun dandeettii afaan Ingiliffaa barattootaa fooyyessuudhaan rakkoolee ijoo sirna barnoota Itiyoophiyaa keessaa tokko ta’e furuuf kan gumaachu qaba jedhan.

Hojii gaggeessituun Itiyoo teeleekoom Firehiwot Tamiru akka jedhanitti, fayyadamtoonni waltajjii kanaa kaffaltii intarneetii tokko malee bilisaan akka itti tajaajiilaman ibsanii Itiyoo Teeleekoom tajaajila kanaaf ji'atti gara Qarshii biiliyoona 3.5 ni baasa jedhan.

Ministeera barnootaatti itti gaafatamaan kutaa Teeknooloojii Zalaalam Asaffaa akka jedhanitti, poortaaliin qophaa’ee kun, qabiyyeewwan sirna barnoota Itoophiyaa waliin qophaa’anii fi marsariitiiwwan madda barnoota banaa biroo irraa kan of keessaa qabu jechuu isaanii, Gabra Mikaa’eel Gabra Madhin gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG