Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muumeen Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiyii Ahimed Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Ibsa Kennan


Muummee Ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimad Paarlaamaaf ibsa yeroo kennan, FInfinnee, Sadaasa, 15, 2022.
Muummee Ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimad Paarlaamaaf ibsa yeroo kennan, FInfinnee, Sadaasa, 15, 2022.

Muummeen ministiraa mootumaa Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahimed kibxata har’aa haasaa walga’ii mana maree bakka bu’ootaa irratti taasisaniin barbaachisumaa waligaltee mootummaa feederaalaa fi ABUT giduutti taasifame hojii irra oolchuu ilaalchisanii ibsaa kennanii jiru.

Muumeen minstiraa Dr. Abiy Ahimad haasaa isanii keessatti wali-igaltichaa kan mijeesse gamtaa Afrikaa, kan degersaa taasise mootummota Afrikaa kibbaa, keniyaa fi Yunaayitid Isteets galateefachuu isaanii Kenedii Abaatee gabaseera.

Waligaltee gareewwan lamman giduutti taasifame irratti garee ABUT hogganuu dhaan kan hirmaatan Obbo Geetachoo Raddaa erga maqaleettii deebi’anii boodaa barbaachisumaa waligaltichaa hojii irraa oolchuu irratti fuulaa tiwiitarii idssnii yaadaa kennaniin, karaa arara buusuudhaaf deemame caalaa waligalticha hojiitti jijjiruun dheeraa akka ta’e ibsuun isaanii beekameera.

Manni maree mootumaa Itiyoophiyaa ABUT Shorokeessumaatti farrajuu dhaan labsii baasee turuun isaa kan yaadatamuu yoo ta’u, waligaltee tibbana irra gahamee boodaa labsichi ka’uuf dhiisuu isaa iraati wantii ifatti barame hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG