Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Guraageetti Komaandii Poostiin Dhaabbate 


FAAYILII - Magaala Finfinnee, Adoolessa 17, 2020
FAAYILII - Magaala Finfinnee, Adoolessa 17, 2020

Bulchiinsa naanoo kibba Itiyoophiyaa jala kan jiruu Godinni Guraagee guyaa Har’aatii kaasee komaandi poosti umnoottan feederaalaa fi unmaa addaa naanichaatiin hogganamu jala akka buluu waajjirii nagaa fi tasgabbi naanichaa beeksiseera.

Komaandi poostichi kan labsamee dhimma nagenyaa nannoo sana muudate umna nageenyaa Idileetin too’achuun waan hindanda’amneef akka ta’e itti gaafatamaan wajiraa nageenyaa fi tasgabbii naanichaa oboo Alemaayyoo Baawuudii sagalee Amerikaatti himuu isaanii Yoonaatan ZebdiYoos Hawaasaa irra gabaaseera.

Labsichii ji’oottan lamman dhufaaniif hojii irra akka olu kan himan oboo Alemaayyoon , labsii Kanaan namoottan akka jiraattonni hojii isaanii hin hojjanee taasisan akka too’annoo jalaa olchaman himanii, yeroo kana keessatti, alaabaa seeraan alaa qabachuun, beeksisaawwan nama kakaasan maxxasuun , karaa cufuun, walga’idhaa fi hiriirrawwan hin eeyyamanne taasisuun dhorkaa akka ta’e ibsaniiru.

Jiraattonii VOAn haasofsiisefi maqaan isaanii akka hin dahamne gaafatan jiraattonni godinichaa 200 ol ta’an hidhamuu isaanii ibsaniiru.

Dhimmaa kana irratti kan gaafataman obbo Alamaayyon namoonni 70n too’annoo jala oolani akka qorannoon irratti taasifamee jiru himaniiru.

Gaafiin mootummaa naannoo qabaachuu godina Guraagee keessatti akka dhihaachaa jiru gabaasaa turuun keenyaa ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG