Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Wallagga Bahaa Keessaa Tasgabbeessffu Komaand Poostiin Haa Tolfamu: Paartilee Siyaasa Itiyoophiyaa


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Paartileen siyaasaa sadii mootummaan godinaa Waldhabdee Wollegaa Bahaa bulchuuf komaandi poostii akka dhaabu waamicha dhiyeessan.

Jeequmsaa fi walitti bu’iinsa wal-duraa duubaan uumameen hedduun ajjeefamanii fi qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Dhaabbileen siyaasaa mormitoota Itiyoophiyaa sadii, paartiin warraaqsa ummata Itoophiyaa, fi Paartii Tokkummaa Ityoophiyaa Guutuu ta'anis mootummaan namoota yakka kana raawwatan seeratti akka dhiyeessu gaafataniiru. Mootummaan federaalaa fi naannoo Oromiyaas waan zoonii bahaa Wollegaatti mudate ummataaf akka ibsan dhaamaniiru.

Godina walitti bu’iinsi keessatti belbele baha walaggaa akka bulchuuf mootummaan komaand poostii akka gad dhaabu paartileen siyaasaa sadii gaafatan.

Walitti bu’iinsa umameen hedduun ajjeefamaniiru, qe’ee ofii irraa buqqa’aniiru. Paartileen siyaasaa sadii Innaat paartii, paatii warraaqsa uummattoota Itiyoophiyaa fi paartiin tokkummaa Itiyooophiyaa mootumaan kanneen badii dalagan murtiitti akka dhiyeessu gaafataniiru. Gidina dhiya walagga keessatti maal uumamaa akka jiru mootummaan fedetaalaaf mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa akka kennan illee gaafataniiru.

Dura taa’aan paartii kongresii federaalistii Oromoo Profeeser Mararaa Guddinaa gama isaaniin ittiin ka’umsi rakkoo kanaa adda addummaa Siyaasaa mariin hiikuu dhabuu akka ta’e ibsanii, baha Wallaggaa qofaa utuu hin taane, walumaa gala naannoo Oromiyaa keessa dhabamuu sabatiinsaa furuuf mariin barbaachisaa dha jedhan jechuu Gebremikaa’e Gebremediin gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG