Xurree ittiin seenan

Breaking News

Midhaan Toonii 25,000 Yukireen Irraa Gara Gaanfa Afriikaatti Ergame


FAAYILII - Oomisha Qamadii buufata Yuziniy, Yukireen, Hagayya 30, 2022.
FAAYILII - Oomisha Qamadii buufata Yuziniy, Yukireen, Hagayya 30, 2022.

Akka kaka’umsa Yukireen kan ofii isheetti midhaan doniin ergame kan jalqabaa biyya ollaa kan taate Itoophiyaa dhaqqabsiisuuf Jibuutii ga’eera. Midhaan Yukireen irraa ergame kun waggoota kurnan darban keessatti ennaa hongee hamaan naannicha mudatee jirutti.

Imbaasiin Yukireen Itiyoophiyaa jiru Wixata kaleessaa akka mirkaneessetti, midhaan toonii kuma 25 kun tattaaffii Sagantaa Nyaata Addunyaa kan Yukireen irraa midhaan gargaarsa namoomaa erguuf maallaqaan deggerame irraa adda ta’uu isaa beeksiseera.

Imbaasichi akka jedhutti dooniin lammataa qamadii toonii kuma 30 fe’ate torbee dhufu gara Ityoophiyaatti kan ergamu yoo ta’u, yeroo ammaa dooniin sadaffaan qamadii toonii kuma 25 fe’ate gara Somaaliyaa deemaa jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG