Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Sab-lammummaatti Xiyyeeffate Wallagga Bahaa Keessatti Namoota Nagaa Hedduu Ajjeesuu, Miidhuu fi Buqqisuun Himame  


Haleellaan Sab-lammummaatti Xiyyeeffate Wallagga Bahaa Keessatti Namoota Nagaa Hedduu Ajjeesuu, Miidhuu fi Buqqisuun Himame  
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:11 0:00

Haleellaan Sab-lammummaatti Xiyyeeffate Wallagga Bahaa Keessatti Namoota Nagaa Hedduu Ajjeesuu, Miidhuu fi Buqqisuun Himame  

Bulchiisa naannoo Oromiyaa, godinaa Wallagga Bahaa, aanaalee Kiiramuu fi Angar Guutee keessatti akka lakkoobsa Itiyophiyaatti Sadaasa sagal irraa jalqabee haleellaalee raaw’atamaa jiran, jedhameen namoonni lakkoobsi isaanii baay’ee tahe ajjeesamuu fi kanneen kumootaan lakkaawaman buqqa’uu isaanii jiraattonni Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Miidhaa lubbuu namaa fi qaama irra gahe ilaalchisee lakkoobsa mirkanaawaa argachuun hin danda’amne.

Haleellaa kanaaf jiraattonni dhalattoota Oromoo yaada isaanii kennan hidhattooa “garee finxaaleyyii Faannoo” ittiin jedhan ka balaaleffatan yoo tahu dhalattoonni Amaaraa yaada isaanii kennan ammoo haleellichaaf humna addaa Oromiyaa fi gurmuu hidhattootaa “ABO shanee” ittiin jedhan yakkaan.

Koomishinni mirga namoomaa Itiyoophiyaa haalli godinaa sana keessa jiru kan isa yaaddesse tahuu isaa fi ragaalee walitti-qabataa ka jiru tahuu Sagalee Ameerikaaf ibse. Paartiileen siyaasaa adda addaa mootummaan haleellaalee kana akka dhaabsisuu fi nageenya uummata nagaa akka tiksu gaafataa jiru. Mootummaa Federaalaa irraa haga ammaatti waan dubbatame hin jiru. Sagaleen Ameerikaa qaamota mootummichaa irraa deebii argachuuf carraaqqii hedduu taasisee haga ammaatti itti hin milkoofne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG