Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Barattoonni Ajjeechaa fi Buqqaa’ansa Wallagga Bahaa Keessaa Mormuun Hiriira Bahan


Oromiyaa Keessatti Barattoonni Ajjeechaa fi Buqqaa’ansa Wallagga Bahaa Keessaa Mormuun Hiriira Bahan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:49 0:00

Oromiyaa Keessatti Barattoonni Ajjeechaa fi Buqqaa’ansa Wallagga Bahaa Keessaa Mormuun Hiriira Bahan

Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa, kolleejjiiwwanii fi yunivarsiitiiwwan adda addaa naannnoo Oromiyaa keessa jiran keessatti baratan ajjeechaa fi buqqa’iinsa lammiilee nagaa irratti humnootni hidhataniin godinaalee Wallagaa keessatti raaw’atamaa jiran jedhan mormuuf hiriira bahuu isaanii barattootaa fi jiraattota naannichaa keessaa hagi tokko Sagalee Ameerikaatti himan.

Hiriirtonni kunneen akka mootummaan nageenya lammiilee nagaa tiksu gaafachuun isaaniis ibsamee jira. Dhimma kanarratti naannoo Oromiyaas ta’e anga'oota federaalaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasisne hin milkoofne.

Gama biraatiin Komishiniin Mirga Namummaa Itoophiyaa mootummaan rakkoo nagaa Oromiyaa keessatti uumameef fala akka barbaadu Roobii darbe ibsa baaseen hubachiisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG